Kaayyoo: Boqonnaan kun lammummaa akka hariiroo nama dhuunfaa, hawaasa fi mootummaa gidduutti jiru ilaala. Mirgootni lammii humna kennu; dirqamoonni immoo jireenya waloo madaalawaa taasisu. Xumuraatti yaadni gad-fageenyaa akka dandeettii lammii odeeffannoo madaaluu fi murtee sirrii dabarsuuf gargaarutti dhiyaata.
Dandeettiwwan xumura boqonnaatti eegaman:
Lammummaa hiikuu, gama seeraa, siyaasaa fi hawaasummaa isaa ibsuu, akkasumas yaad-rimeewwan normative fi empirical adda baasuu.
Mirgoota fi dirqamaawwan walitti hidhamiinsa isaanii hubachuu; abbaa mirgaa fi dirqamaa bahataa adda baasuu.
Mirgoota namoomaa, qajeeltoowwan isaanii fi ramaddii gurguddoo sadii ibsuu.
Heera RFDI jalatti lammummaa, mirgoota namummaa, mirgoota dimookiraasii fi dirqama lammiilee waliin walqabsiisuu.
Yaada gad-fageenyaa fayyadamuun odeeffannoo, falmii, ragaa fi filannoo furmaataa madaaluu.
Qabxii wal-dhiibbaa caasaa: Mirgi lammiilee mootummaa fi hawaasa irraa waan gaafatan kenna; dirqamni immoo mirga namoota biroo kabajuu fi faayidaa waliigalaaf gumaachuu gaafata. Boqonnaan kun bilisummaa fi itti-gaafatamummaa wal madaalchisa.
Kaartaa Walsimsiisa Viidiyoo - Boqonnaa 3 (Viidiyoo 16)
|
Viidiyoo |
Mata-duree |
Bakka gaaffii/barruu LMS itti wal-simu |
|
3.1 |
Yaad-rimee Lammummaa fi Yaad-rimeewwan Lammummaa |
Gaaffiin jalqabaa hiika lammummaa irratti; gaaffiin itti aanu normative/empirical theories adda baasuu irratti haa ta’u. |
|
3.2 |
Walitti Hidhamiinsa Mirgoota fi Dirqamaawwan |
Fakkeenya mirga yaada ibsachuu, privacy, fi nageenya hawaasaa irratti gaaffii application fayyadami. |
|
3.3 |
Mirgoota Namoomaa: Hiika fi Qajeeltoowwan Bu’uuraa |
Gaaffilee jechoota bu’uuraa irratti hundaa’an as booda kaa’i. |
|
3.4 |
Ramaddii Mirgoota Namummaa |
Gaaffii classification fayyadami: mirga filachuu, mirga barnootaa, fi mirga naannoo qulqulluu ramaddii sirrii keessatti kaa’uu. |
|
3.5 |
Hiika fi Gosa Itti Gaafatamummaa |
Fakkeenya fayyadamuun itti gaafatamummaa sababaa, seeraa fi naamusaa addaan baasi. |
|
3.6 |
Itti Gaafatamummaa Dhuunfaa, Gamtaa fi Dirqamoota Lammiilee |
Gabatee “dhuunfaa vs gamtaa” LMS keessatti fayyadami; quiz immoo fakkeenya tokko gara ramaddii sirrii galchuu haa gaafatu. |
|
3.7 |
Itti Gaafatamummaa Seeraa fi Naamusaa |
Scenario-based question fayyadami: gochi tokko seeraan eeyyamama/namuusaan dogoggora ta’uu danda’aa? |
|
3.8 |
Lammummaa, Mirgoota fi Dirqamoota Heera FDRE Jalatti |
Madaalliin heera fi mirgoota idil-addunyaa viidiyoo kana booda haa dhufu. |
|
3.9 |
Dirqama Lammiilee fi Duudhaalee Naamusa |
Viidiyoon kun mirga/dirqama irraa gara dandeettii yaada gad-fageenyaatti ce’umsa ta’a; gaaffiin reflection gabaabaa haa ta’u. |
|
3.10 |
Yaada Gad-fageenyaa: Hiika fi Ulaagaalee Sammuu |
Gaaffii standard identification fayyadami: fakkeenya tokko kenniitii ulaagaa sirrii filachiisi. |
|
3.11 |
Qajeeltoowwan Bu’uuraa Yaada Gad-fageenyaa |
Gaaffiin “ragaa eenyutu dhiyeessuu qaba?” fi “yaada morkataa akkamitti ilaalla?” irratti haa xiyyeeffatu. |
|
3.12 |
Gufuuwwan Yaada Gad-fageenyaa I: Socio-centrism fi Egocentrism |
Fakkeenya marii uummataa yookiin dhiibbaa garee irratti hundaa’e fayyadami. |
|
3.13 |
Gufuuwwan Yaada Gad-fageenyaa II: Tilmaama Ragaa Hin Qabne, Stereotypes, Relativism fi Wishful Thinking |
Gaaffii barrier identification fayyadami; barataan amala yaada dogoggoraa sirriitti adda baasu qaba. |
|
3.14 |
Faayidaawwan Yaada Gad-fageenyaa |
Quiz gabaabaa synthesis fayyadami: faayidaa tokkoo fi fakkeenya isaa walqabsiisi. |
|
3.15 |
Shaakala Qabatamaa I: Hirmaannaa Filattootaa Gadi Bu’uu fi Piroojektii Hirmaannaa Lammummaa Dargaggootaa |
Worksheet-style prompts fayyadami; deebiin ragaa irratti hundaa’uu qaba, tilmaama qofa osoo hin taane. |
|
3.16 |
Shaakala Qabatamaa II: Falmii Fooyya’iinsa Filannoo fi Iftoomina Maallaqa Duula Filannoo |
Madaallii xumuraa application taasisu: haqummaa, bakka-bu’ummaa, tasgabbii mootummaa, bilisummaa yaada ibsachuu fi accountability madaalchiisi. |
Sadarkaa 1 - Duraa Viidiyoo Barruu Qabsiisaa
Viidiyoowwan jalqabaa dura gaaffii kana yaadaa: lammummaan maqaa seeraa qofa miti; miseensummaa, mirga, dirqama, hirmaannaa fi abbummaa siyaasaa of keessaa qaba. Lammii jechuun nama mootummaa tokko jalatti beekamtii qabu qofa osoo hin taane, nama mirga gaafachuu, dirqama fudhachuu fi jireenya waliinii keessatti hirmaachuu danda’u dha.
Xiyyeeffannoo Barnootaa: Lammummaa akka hariiroo mootummaa fi nama dhuunfaa, miseensummaa, mirga, dirqama, hirmaannaa siyaasaa fi hawaas-dinagdee ibsa; yaad-rimeewwan adda baasa.
Walsimsiisa Barruu/Gaaffii: Gaaffiin jalqabaa hiika lammummaa irratti; gaaffiin itti aanu tiyoorii adda baasuu irratti haa ta’u.
Daangaa walsimannaa - Jalqaba: “Kabajamoo daawwatoota keenyaa,”
Daangaa walsimannaa - Xumura: “Isaan kun yaadama ykn abjuu irratti osoo hin ta’in, ragaa addunyaa dhugaa keessatti qabatama mul’atu fi hojii irratti xiyyeeffatu. Lammiileen akkamitti akka hirmaatan, murtiin isaanii hirma…”
Xiyyeeffannoo Barnootaa: Mirgootni fi dirqamoonni uumamaan walitti hidhamuu isaanii ibsa; mirga gaafachuun mirga namoota biroo kabajuu fi dirqama hawaasaa fudhachuu waliin akka deemu agarsiisa.
Walsimsiisa Barruu/Gaaffii: Fakkeenya mirga yaada ibsachuu, fi nageenya hawaasaa irratti gaaffii fayyadami.
Daangaa walsimannaa - Jalqaba: “Amma immoo kallattiidhaan gara yaad-rimee mirgootaa fi dirqamaawwanitti ni ceena.”
Daangaa walsimannaa - Xumura: “Akka walligalatti, walitti hidhamiinsi mirgootaa fi dirqamaawwan, nageenyaa nama dhuunfaas, nageenya waliigalaa hawaasaas ni guddisu.”
Xiyyeeffannoo Barnootaa: Mirga namoomaa akka mirga nama hundumaa uumamaan argatuutti ibsa.
Walsimsiisa Barruu/Gaaffii: Gaaffilee jechoota bu’uuraa irratti hundaa’an as booda kaa’i.
Daangaa walsimannaa - Jalqaba: “Amma gara yaad-rimee garmalee barbaachisaa ta’e tokkootti ni ceena: mirgoota namoomaa.”
Daangaa walsimannaa - Xumura: “Kabajamtoota daawwatoota keenyaa: Hamma ammaatti xiyyeeffannoodhaan nu waliin waan turtaniif baay’ee nutti tola; Jabaadhaa! Dhimmoonni nuti irratti mari’achaa jiru kunniin jireenya keenya g…”
Xiyyeeffannoo Barnootaa: Mirgoota siiviilii fi siyaasaa, mirgoota hawaasummaa/diinagdee/aadaa, fi mirgoota nageenyaa/misoomaa/naannoo ibsa; ramaddii Kaarl Vaasaak fi qeeqa irratti tuqa.
Walsimsiisa Barruu/Gaaffii: Gaaffii classification fayyadami: mirga filachuu, mirga barnootaa, fi mirga naannoo qulqulluu ramaddii sirrii keessatti kaa’uu.
Daangaa walsimannaa - Jalqaba: “Amma immoo yaada kanaan duraa irraa gara waa’ee Ramaddii Mirgoota Namummaa (Categories of Human Rights) ni mari’anna.”
Daangaa walsimannaa - Xumura: “Fakkeenyaf, hayyuun Kaarl Walman jedhamu, "dhaloota" jechuun akka maatiitti dhalootni tokko isa biraatiin bakka bu’uun (kan duraa du’ee kan haaraa dhalachuu) dhimma mirgoota namummaa keessa…”
Lammummaa akka hariiroo seeraa fi hirmaannaa
Lammummaan nama dhuunfaa fi mootummaa gidduu hariiroo seera-qabeessa uuma; gama dimookiraasii immoo hirmaannaa, amantaa, tokkummaa fi itti-gaafatamummaa gaafata.
Mirga fi dirqama akka lama wal hin gargar baane
Mirgi tokko yeroo hunda itti-gaafatamummaa waliin deema. Namni mirga yaada ibsachuu qabu, kabaja namoota biroo fi nageenya waliinii eeguu qaba.
Mirgoota namoomaa
Mirgootni namoomaa namoota hundaaf wal-qixa. Abbaa mirgaa fi dirqamaa bahataa adda baasuun LMS keessatti murteessaadha.
Sadarkaa 1 - Duraa Viidiyoo Barruu Qabsiisaa
Mirgi nama eega; itti-gaafatamummaan immoo waliin jiraachuu akka danda’amu taasisa. Barannoo kana keessatti namni dhuunfaa fi gareen maalitti akka itti gaafataman, seeraa fi naamusni akkamitti akka wal deeggaran, fi Heera RFDI jalatti mirgaafi dirqamni akkamitti akka ibsamu ilaalla.
Xiyyeeffannoo Barnootaa: Itti gaafatamummaa akka bu’uura naamusaa fi hawaasummaa ibsa; role responsibility, causal responsibility, legal responsibility, moral liability, fi capacity responsibility adda baasa.
Walsimsiisa Barruu/Gaaffii: Fakkeenya fayyadamuun itti gaafatamummaa sababaa, seeraa fi naamusaa addaan baasi.
Daangaa walsimannaa - Jalqaba: “Hiika fi Hiikkaa Itti Gaafatamummaa (The Concept of Responsibility)”
Daangaa walsimannaa - Xumura: “Itti Gaafatamummaa Dandeettii (Capacity Responsibility): Namni tokko gama seeraa fi naamusaan itti gaafatamaa ta’uuf, dandeettii sammuu fi qaamaa (capacity) barbaachisu qabaachuu isaa agars…”
Xiyyeeffannoo Barnootaa: Itti gaafatamummaa dhuunfaa fi gamtaa, seera kabajuu, sagalee kennuu, gibira kaffaluu, biyya ittisuu, mirga namoota biroo kabajuu, hirmaannaa hawaasummaa, odeeffannoo hordofuu, tokkummaa biyyaa fi haqaaf dhaabbachuu ibsa.
Walsimsiisa Barruu/Gaaffii: Gabatee “dhuunfaa vs gamtaa” LMS keessatti fayyadami; gaaffii immoo fakkeenya tokko gara ramaddii sirrii galchuu haa gaafatu.
Daangaa walsimannaa - Jalqaba: “Kabajamtoota Daawwatoota keenyaa: nu waliin waan taataniif guddaa isiin galatteeffanna. Amma immoo kallattuumaan qabxii itti aanutti yoo dabarruu: Itti Gaafatamummaa Dhuunfaa fi Gamtaa (Ind…”
Daangaa walsimannaa - Xumura: “Baay’ee gaariidha!”
Xiyyeeffannoo Barnootaa: Itti gaafatamummaa seeraa fi naamusaa wal bira qaba; seerota fi dambiiwwan, adabbii seeraa, duudhaa hawaasaa, murtee sirrii/dogoggoraa, fi moral dilemma ibsa.
Walsimsiisa Barruu/Gaaffii: Gaaffiiwwan taateewwanii fayyadami: gochi tokko seeraan eeyyamama/namuusaan dogoggora ta’uu danda’aa?
Daangaa walsimannaa - Jalqaba: “Dirqamoota lammummaa gurguddoo erga ilaallee, gara mata-duree murteessaa jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti bakka guddaa qabu, Itti Gaafatamummaa Seeraa fi Naamusaa (Legal and Moral Re…”
Daangaa walsimannaa - Xumura: “Kun hundi kan agarsiisu, hawaasa haqaa fi qixxummaa qabu ijaaruuf sirni seeraa fi qajeeltoowwan naamusaa akkamitti wal-fana deemuu akka qaban irratti marii wal-irraa hin citne akka barbaach…”
Xiyyeeffannoo Barnootaa: Heera RFDI jalatti lammummaa, mirgoota namummaa, mirgoota dimookiraasii, mirga dubartootaa/ijoollee/gareewwan miidhamoo, keewwata 14-18, 29, 30, 38 fi waliigalteewwan idil-addunyaa ibsa.
Walsimsiisa Barruu/Gaaffii: Madaalliin heera fi mirgoota idil-addunyaa viidiyoo kana booda haa dhufu.
Daangaa walsimannaa - Jalqaba: “Lammummaa, Mirgoota fi Dirqamoota Heera FDRE jalatti”
Daangaa walsimannaa - Xumura: “Waliigaltee Mirga Namoota Qaama Miidhamtootaa (CRPD): Bara 2002 kan fudhatame yoo ta’u, mirga fi kabaja namoota qaama miidhamtootaa seeraan eeguuf kutannoo biyyaa agarsiisa.”
Xiyyeeffannoo Barnootaa: Dirqama lammiilee, seera kabajuu, gibira kaffaluu, hirmaannaa hawaasummaa fi siyaasaa, faayidaa biyyaalessaa eeguu, jaalala biyyaa, kabaja, haqaa fi qixxummaa, amanamummaa, kutannoo/gootummaa ibsa.
Walsimsiisa Barruu/Gaaffii: Viidiyoon kun mirga/dirqama irraa gara dandeettii yaada gad-fageenyaatti ce’umsa ta’a; gaaffiin reflection gabaabaa haa ta’u.
Daangaa walsimannaa - Jalqaba: “Dirqama fi Itti Gaafatamummaa Lammiilee”
Daangaa walsimannaa - Xumura: “Baay’ee gaariidha!”
Gosa itti-gaafatamummaa
Role, causal, legal, moral fi capacity responsibility adda baafachuun barattootaaf fakkeenya waliin haa dhiyaatu.
Seera fi naamusa
Seerri dirqama alaa fi adabbii qaba; naamusni immoo qalbii, duudhaa fi safuu hawaasaa irratti hundaa’a. Lamaan isaanii yeroo tokko tokko wal deeggaru; yeroo biraa immoo moral dilemma uumu.
Heera RFDI
Keewwatoota mirgaafi dirqama ilaalchisan barattoonni akka yaadatan gaaffii booda viidiyoo 3.8 haa kaa’amu.
Sadarkaa 1 - Duraa Viidiyoo Barruu Qabsiisaa
Kutaan kun dandeettii lammii dimookiraatawaa barbaachisaa ta’e irratti xiyyeeffata. Yaada gad-fageenyaa jechuun waan hundumaa qeequu osoo hin taane, yaadni tokko ifa, sirrii, dhimma waliin walqabatu, haqa-qabeessa fi ragaa gahaa irratti hundaa’e ta’uu isaa qorachuu dha.
Xiyyeeffannoo Barnootaa: Yaada gad-fageenyaa hiika; iftooma, sirrummaa, barbaachisummaa, itti fufinsa, fi iftoomina ibsa.
Walsimsiisa Barruu/Gaaffii: Gaaffii standard identification fayyadami: fakkeenya tokko kenniitii ulaagaa sirrii filachiisi.
Daangaa walsimannaa - Jalqaba: “Amma immoo gara qaama dandeettii murteessaa, dandeettii Yaada Gad-fageenyaa (Critical Thinking) jedhutti dabarra.”
Daangaa walsimannaa - Xumura: “Hamma ammaatti waa'ee yaada gad-fageenyaa irratti bal’inaan mari’achaa turreera. Amma immoo gara qaama murteessaa biraatti dabarra; kunis qajeeltoowwan yaada Gad-fageenyaa irratti ta’a.”
Xiyyeeffannoo Barnootaa: dhugaa barbaaduu, iftoomina fi namooma akka qajeeltoowwan yaada gad-fageenyaa ibsa.
Walsimsiisa Barruu/Gaaffii: Gaaffiin “ragaa eenyutu dhiyeessuu qaba?” fi “yaada morkataa akkamitti ilaalla?” irratti haa xiyyeeffatu.
Daangaa walsimannaa - Jalqaba: “Qajeeltoowwan Bu’uuraa Yaada Gad-fageenyaa”
Daangaa walsimannaa - Xumura: “Qajeeltoo Gaarummaa (The Principle of Charity): Qajeeltoon kun yeroo yaada morkataa keenyaa mormii dhiyeessinu, bifa gaariin, qabxii isaa isa cimaa irratti xiyyeeffannee akka deebisnu nu ga…”
Xiyyeeffannoo Barnootaa: Of-giddu-galeessummaa hawaasummaa, gareen qooduu, of-jaallannaa, fi of-dursuu ibsa.
Walsimsiisa Barruu/Gaaffii: Fakkeenya marii uummataa yookiin dhiibbaa garee irratti hundaa’e fayyadami.
Daangaa walsimannaa - Jalqaba: “Jaalatamtoota daawwatoota Keenyaa:”
Daangaa walsimannaa - Xumura: “Yaadni faayidaa dhuunfaa irratti hunda’e sababa qabeessa fakkaatee dhiyaachuu danda’us, yaada gad-fageenyaatiif garuu gufuu guddaadha. Namni kamiyyuu kuni na fayyada, kanaaf gaariidha jedhe…”
Xiyyeeffannoo Barnootaa: yaada dhugummaa hin qabne, qoqoodinsa, walitti dhiyeenya aadaa, fi fedhii ofii irratti hundaa’uu akka gufuu yaada gad-fageenyaa ibsa.
Walsimsiisa Barruu/Gaaffii: Gaaffii fayyadami; barataan amala yaada dogoggoraa sirriitti adda baasu qaba.
Daangaa walsimannaa - Jalqaba: “Amma immoo gara gufuuwwan Yaada Gad-fageenyaa (Critical Thinking) itti aananitti dabarra:”
Daangaa walsimannaa - Xumura: “Fakkeenyaaf, namoonni dhibee qaban ragaa saayinsaawaa dhiisanii yaada "ni fayyita" jedhu qofaan haala sodaachisaa keessa galuu danda'u.”
Xiyyeeffannoo Barnootaa: Yaada gad-fageenyaan murtee sirrii dabarsuu, adeemsa dimookiraasii keessatti hirmaannaa madaalawaa qabaachuu, fi bilisummaa sammuu argachuu ibsa.
Walsimsiisa Barruu/Gaaffii: gaaffii gabaabaa synthesis fayyadami: faayidaa tokkoo fi fakkeenya isaa walqabsiisi.
Daangaa walsimannaa - Jalqaba: “Kabajamtoota Daawwatoota keenyaa: xiyyeeffannoodhaan nuu hordofaa jirtuu mitii?”
Daangaa walsimannaa - Xumura: “Turtii gaarii nu waliin qabaadhaa!”
Ulaagaalee sammuu
Iftooma, sirrummaa, barbaachisummaa, itti fufinsa fi fairness tokko tokkoon fakkeenya waliin ibsi.
Qajeeltoowwan yaada gad-fageenyaa
dhugaa barbaachuu, iftoomina, fi namoona marii dimookiraatawaa keessatti dirqama yaada madaalawaa fidu.
Gufuuwwan
Saba gidduu gala godhachuu, ofittummaa, qoqoodinsa, walitti dhiyeenya fi odeeffannoo sobaa , loogii keessatti ni mul’atu.
Xiyyeeffannoo Barnootaa: Haala hirmaannaa filattootaa gadi bu’uu fi piroojektii hirmaannaa dargaggootaa irratti rakkicha adda baasuu, ragaa sassaabuu, falmiiwwan madaaluu, filannoo biraa maddisiisuu fi yaada murtee dhiyeessuu shaakalsiisa.
Walsimsiisa Barruu/Gaaffii: Worksheet-style prompts fayyadami; deebiin ragaa irratti hundaa’uu qaba, tilmaama qofa osoo hin taane.
Daangaa walsimannaa - Jalqaba: “Amma immoo barnoota yaadaan barachaa turee kana akkaata itti qabatamatti hojiirraa oolchinuu irratti shaakalla!”
Daangaa walsimannaa - Xumura: “Yaada Murtee Dhiyeessuu: Ijaa qabatamaa ta'e fudhachuun; Mana mareetiif piroojektichi deeggarsa faayinaansii argachuu qaba moo hin qabu? Yaada murtee keessan ragaa waliin dhiyeessaa.”
Sadarkaa 1 - Duraa Viidiyoo Barruu Qabsiisaa
Xumura boqonnaatti, barattoonni yaada baratan gara haala qabatamaa geessu. Kutaan kun rakkoo adda baasuu, ragaa sassaabuu, falmii madaaluu, filannoo biroo uumuu fi yaada murtee dhiyeessuu irratti akka shaakalan qophaa’e.
Boqonnaa 2 keessatti viidiyoon 16 jira: 2.1 hanga 2.16. Boqonnaa 3 keessatti viidiyoon 16 jira: 3.1 hanga 3.16.
Viidiyoo 2.4 fi 2.5 walitti hin makinaa. Lamaan isaanii qajeeltoowwan Heera RFDI irratti xiyyeeffatu; garuu gaaffiin heeraa erga 2.5 xumuramee booda qofa sirriitti ni sync godha.
Viidiyoo 2.15 dheerina qaba; LMS keessatti mata-dureewwan xixiqqaa “qeenxee”, “decentralization”, “federaalaa”, “seenaa Itoophiyaa”, “aangoo federaalaa/naannoo” jedhuun qoodi.
Viidiyoo 2.16 boqonnaa 2 walitti fiduuf haa tajaajilu; gaaffiin xumuraa heerawummaa, bulchiinsa gaarii, daangaa aangoo fi itti-gaafatamummaa walitti haa fidu.
Boqonnaa 3 keessatti gaaffiin mirgoota heeraa fi waliigalteewwan idil-addunyaa viidiyoo 3.8 booda haa dhufu. Viidiyoo 3.9 immoo dirqama lammiilee fi duudhaa naamusaa irraa gara yaada gad-fageenyaatti ce’umsa ta’a.
Viidiyoo 3.15 fi 3.16 conceptual explanation qofa miti; shaakala application dha. Gaaffileen isaanii rakkicha adda baasuu, ragaa sassaabuu, falmii madaaluu, filannoo biroo uumu fi yaada murtee dhiyeessuu irratti haa hundaa’an.
- Xumura Boqonnaa 2 fi 3 LMS Blueprint Afaan Oromoo -